Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’oo Finfinnee bara baajataa 2012tti Birrii biiliyoona 1.3 walitti qabe

Finfinnee, Hagayya 28, 2012 (FBC) – Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’oo Finfinnee bara baajataa 2012tti Birrii biiliyoona 1.3 walitti qabe.

Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’oo Finfinnee bara baajataa 2012tti Birrii biiliyoona 1.3 walitti qabuu beeksise.

Galicha kaffaltii bishaanii fi galiiwwan garagaraa irraa walitti qabuu ibseera.

Kanaanis bara baajatichaatti karoora qabame %86 milkeessuu danda’eera.

Galiin walitti qabame kana bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 70 caalmaa qabachuu ragaan Abbaan Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’oo Finfinneerraa argame ni muldhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Comments (0)
Add Comment