Abbaan Murtii idil addunyaa Bemlaak Tasammaan Tapha Chaaniif gargaaraa murteessaa Viidiyoo ta’uun filataman

Finfinnee, Mudde 17, 2015 (FBC) – Abbaan Murtii idil addunyaa Bemlaak Tasammaan Tapha Waancaa Chaaniif gargaaraa murteessaa Viidiyoo ta’uun filatamaniiru.

Bemlaak Tasammaa Wayyeessan Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Afrikaa 7ffaa qopheessummaa Aljeeriyaan gaggeeffamurratti gargaaraa murteessaa Viidiyoo ta’uun filatamaniiru.

Taphni Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa taphattoonni biyya keessaa qofti irratti hirmaatn kun Amajjii 5 – 27, 2015 ni taphatama.

Konfedeeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa Bemlaak Tasammaan taphicha gargaaraa murteessaa viidiyoo ta’uun akka taphachiisan filateera.

Ga’eessi umrii waggaa 40 Bemlaak Tasammaan bara Faranjootaa 2009 Baajii Abbaa Murtii idil addunyaa FIFA irraa argataniiru.

Dorgommii Afrikaa fi Idil addunyaa hedduurrattis Abbaa Murtii ta’uun yeroo dheeraaf tajaajilaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment