Abbaan Gadaa Booranaa Jila Galma Guutuu Dhaabuu Jilachuufii Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Badhaasaarraa Gara Ardaa Jilaa Guutoootti Godaansaasa jalqaban

Finfinnee, Amajjii 17, 2013 (FBC ) – Abbaan Gadaa Booranaa Jila Galma Guutuu Dhaabuu Jilachuufii Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Badhaasaarraa Gara Ardaa Jilaa Guutoootti Godaansaasa jalqaban.

Guyyaa kana Ardaa Jilaa Haroo Dimtuutti korma qalee, galgala kana guutootti qubachuun bariisaa isaa ijaarsa galma guutuu Ardaa Jilaa Guutootti dhaabamuuf galma dongoree jila isaa jalqaba.

Galmi guyyaa sadii kan ijaaramu yoo tahu, xumura galmaatti Jila dhibaayyuutti jilatama. Jila dhibaayyuu jechuun jila kadhannaa kan araaraa jechuu akka tahee maanguddootaatu dubbata.

Akka OBN gabaasetti, xummura jila dhibaayyuutti sirna jila buufattoo Gindaatti rawwatamaa.

Jilli galma guutuu, Guutootti shaabuu kun guyyoota kudhaniif turuu akka dandahuu Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo himaniiru

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment