Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC)-Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa abbootii alangaa qaroo dhabeeyyiif 39 ta’aaniif kompiitaroota 39 Birrii miiliyoona 3 oliitti tilmaamaman bituun badhaaseera.
Hoggantuu Itti aantuu mana hojiichaa Aadde Fiqir Zalaalam, kaayyoonsaa abbootii alangaa qaroo hin qabneef tajaajilaafi haala hojii mijeessuuf ta’uu himaniiru.
Kompiitarri kun kan ittiin bitame Birrii miiliyoona 3 ol deeggarsa Dhaabbata USAID irraa argameen ta’uu himamee yoo ta’uu fuldurattis kenna tajaajila cimsuuf deggarsi wal fakkaatan itti fufa jedhameera.
Hirphoo Shibootu gabaasee
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.