Abbaan Alangaa Waliigalaa federaalaa labsii yeroo ariifachiisaa irratti ibsa laate

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2013 (FBC) – Abbaan Alangaa Waliigalaa federaalaa labsii yeroo ariifachiisaa irratti ibsa laate.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii yeroo ariifachiisa Manni Maree Ministeeroota baase raggasisuun walqabatee Abbaan Alangaa Waliigalaa federaalaa labsii yeroo ariifachiisaa irratti ibsa laateera.

Haaloota sirna heera mootummaa balaarraa buusaan sababa uumameen, labsii yeroo ariifachiisaa baahe koreen raawwachisu kan hundaa’e yoo ta’u, aangoo korichi yeroo ariifachiisaa irratti qabu ifaan taa’eera.

Bu’uuruma kanaan;- jalqabarratti naannoo Tigiraay irratti hojiirra kan oolu yoo ta’u, labsii yeroo ariifachiisaa baatii 6f turu kanarratti korichi qindeessummaa Eetaamaajoorri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI kan hundaa’e yoo ta’u, itti waamamni isaa muummee ministiraa akka ta’u Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximooteyoos himaniiru.

Korichi labsii yeroo ariifachiisaa dhiphisuus ta’ee bal’isuuf aangoo kan qabu yoo ta’u, qaamni nageenyaa kamu ajaja tokko jalatti akka gaggeeffamu taasisuun ni danda’ama jedhameera.

Dangeeffama barbaachisuu baasuu fi raawwachiisuu ni danda’as jedhameera.

Mirga lammiilee idilee akka hin sarbinetti tarkaanfiiwwan ergama rawwachiisuu fudhachuu ni danda’a.

Poolisii dabalatee qaamni nageenyaa kamuu hidhannoo akka hiikkatan taasisuu ni danda’a.

Sochii geejjibaa dabalatee sochiiwwan biroo irratti daangaa kaa’uu, daangaa yeroo baasuu, sochii meeshaa waraanaa dhaabuu, qunamtii kutuu, ibsa ergama isaa danqu ittisuu, namootaa fi garee gocha seeraan alaa irratti hirmaatan too’achuu fi tursuu akka danda’uu taa’eera.

Ergama isaa raawwachuuf jecha wantoota isa gargaaru namoonni mana tokko keessaa akkasumas bakka tokko akka turan taasisuuf aangoo qaba.

Manaa fi konkoolaataa yeroo kamitti sakatta’uu akkasumas dhaabbilee tajaajila kennanii fi bu’uuraalee misoomaa ergama isaa milkeessuuf ni gargaraa yoo ta’e dhaabuu akka danda’u kaa’eera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment