Abbaan Alangaa qabeenya seeraan ala horataman deebisiisuuf qophii ta’uu beeksise

Finfinnee, Muddee 1, 2013 (FBC) – Abbaan Alangaa Waliigalaa qabeenya seeraan ala horatamanii biyya keessa dhokatanii fi biyyaa bahan deebisiisuuf qophii ta’uu beeksise.

Dhaabbatichi Faanaa Broodkaastiing Koortporeetiif akka himetti qabeenya yakkaan horataman kanneen biyya keessa dhokatanii fi biyyaa bahan deebiisiisuuf sirna eeruu fuudhaa diriirsaa jiraachuu ibseera.

Sirni eeruu diriirfamaa jiru qabeenya yakkaan horataman qulqulleessuun deebisiisuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.

Abbaan alangichaa yeroo ammaa hojmaata E-mail fi bilbila bilisaan eeruu fuudhuu dandeessisu diriirsuu beeksiseera.

Hojmaanni kunis qabeenya ummataa seeraan ala qaamolee dhuunfaan qabamanii fi yakkaan horataman qulqulleessuun deebisiisuuf kan dandeessisu ta’uu himameera.

Taariik Addunyaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment