Abbaa Warraa fi Haadha Warraa Yuunivarsiitii tokkorraa Dooktireetiin eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2016 (FBC)- Dooktar Daani’eel Waldamikaa’eel (Abbaa Warraa) fi Dooktar Hibiret Damissee (Haadha Warraa) Yuunivarsiistii Hawaasaarraa Digirii 3ffaan eebbifamaniiru.

Dooktar Daani’eel Waldamikaa’eel Muummee Barnootaa “Environmental Toxicology” yoo eebbifaman, Dooktar Hibiret Damissee ammoo Jijjiirama Qabeenya Qilleensaan eebbifaman.

Abbaan Warraa fi Haati Warraa kun waltumsuun itti gaafatama maatii, barnootaa fi hojii walfaanaa gaggeessuun Sadarkaa barnootaa isaanii Digirii 3ffaa milkeeffachuu akka danda’an dubbatu.

Yeroo isaanii sirnaan fayyadamuun barnoota isaanii milkaa’inaan xumuruutti gammaachuu itti dhaga’ames ibsaniiru.

Carraaqqii taasisan irraa ilmaan isaanii akka baratan amantaa qaban eeruun, miira “nan danda’aan” yoo hojjetan dhiibaan kamuu jiraatus karooraa qabatan milkeessuun akka danda’amu akeekuu TOI gabaaseera.

Yuunivarsiitiin Hawaasaa barattoota muummeewwan barnootaa garaagaraan barsiisaa ture har’a eebbisiiseera.

Comments (0)
Add Comment