Aasxaan Kominishinii Poolisii Oromiyaa jijjiirramuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolisii Oromiyaa Aasxaa jijjiiruu beeksiise.
Hogganaan Itti Aaan Damee Bulchiinsa Humna Namaa Komishinii Poolisii Oromiyaa G.Komishinara Taammiraat Dhaabaa sababoota garaagaaran Aasxaan Komishinii Poolisii Oromiyaa jijjiirramuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan:-
1. Biyyi keenya Ityoophiyaan daandii jijjiiramaa hunda-galeessarra jiraachuu isheerraan kan ka’ee fi Poolisiin Oromiyaas jijjirama kanaan ala ta’uu waan hin dandeenyeef haasxaa yeroo waliin wal-madaaluu fi muul’istuu jijjaramichaa ta’e qopheessuun waan barbaachiseefi.
2. Aasxaan duraanii muul’ataa fi ergama Poolisiin Oromiyaa yeroo ammaa qabatee jiruu fi sadarkaa guddina Komishinichi irra ga’e kan hin ibsine waan ta’eef.
3. Aasxaan duraanii bara dheeraa dura bara teeknooloojiin giraafiiksii hin hammayyoofnetti waan hojjetameef hanqina qulqullinaa waan qabuuf.
4. Dudhaalee Komishinich akka haaraatti baase isa duraa keessatti waan hin muul’anneef.
5. Sammuu namaa keessatti dhiibbaa badaa waan uumeef akka salphaatti kan qabatamuu fi kan hin yaadatamne waan ta’eef.
6. Aasxaan duraanii Aasxaa Poolisiin Federaalaa yeroo ammaa jijjiiree itti fayyadamaa jiruun adda waan ta’ee fi Istaandaardii Poolisiin sadarkaa Addunyaatti irra ga’een kan wal sime waan hintaaneef Aaxicha jijjiiruun barbaachisaa ta’ee argameera jedhan.
Kanneen eerraman Aasxaa kana jijjiiruudhaaf bu’uura ta’uu ibsuun Waxabajjii 01-2013 irraa eegalee hojii irra kan ooluu fi Aasxaa duraa haaraan waliin wal-cinaa fayyadamuun kan dandaa’amu ji’a 6 qofaaf tu’uu ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment