Aartisti Ibraahim Adam du’aan boqote

Finfinnee, Adoolessa 7, 2015 (FBC)- Aartistiin Gameessi Ibraahim Aadam du’aan Addunyaa kanarraa boqate.

Aartisti Ibraahim, dhukubsatee wala’anamaa utuu jiruu kaleessa Adoolessa 6 bara 2015 boqoteera.

Aartisti Ibraahim Adam bara jireenya isaa walleewwan tokkummaa Oromoo cimsan, jaalala biyyaa faarsan weelliseera.

Sirni Awwaalcha Aartisti Ibraahim Adam guyyaa har’aa Magaalaa Hararitti raawwachuu OBN gabaaseera.

Aartisti Ibraahim Adam bara 1950 Abbaasaa Obbo Adam Sa’idii fi Haadhasaa Aadde Amiinaa Abdullaahii irraa Magaalaa Hararitti dhalate.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment