Aangoo Putiin kan murteessu ummata Raashiyaa isa filate malee Baayidanii miti- Dubbii Himaa Kireemliin

Finfinnee, Bitootessa 18, 2014 (FBC) – Aangoo Preezdaant Putiin kan murteessu ummata Raashiyaa isa filate malee Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidanii miti jedhan Dubbii Himaan Kireemliin Diimeetirii Peeskoov.

Preezdaantiin Ameerikaa Joo Baayidan aanga’oota Poolaandii fi Yuukreen waliin marii taasiisaniin, Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin aangorra turuu hin qaban jechuu isaanii hordofee Kireemliin deebii laatteerti.

Dubbii Himaan Kireemliin Diimeetirii Peeskoov turtii Rooyitars waliin taasiisaniin Preezdaant Putiin aangorraa kan bu’an eeyyamaa fi yaada Baayidaniin osoo hin taane murtoo ummata Raashiyaa qofaani jedhan.

Weerarri Raashiyaan Yuukreenirraatti gaggeessaa jirtu dandeettiin murteessuu Preezdaant Putiin dadhabaa ta’uu muul’isa jedhan Preezdaant Joo Baayidan.

Preezdaant Joo Baayidan duula qeeqa fi tuffii Preezdaant Putiin irratti gaggeessan cimsanii itti fufaniiru jedhame.

Kana dura preezdaant Baayidan Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin yakkamaa waraanati jechuu isaanii hordofee Dubbii Himaan Kireemliin Diimeetirii Peeskoov biyyoota hedduu weeraruun lammiilee nagaa kan ajjeefte Ameerikaan Putiiniin yakkamaa waraanaa jechuuf hamilee hin qabdu jechuun deebii laatanii turan.

Kun akkuma jirutti ta’ee Raashiyaan duula waraanaa Yuukreenitti gaggeessitu cimsitee kan itti fufte yoo ta’uu, magaalaa Lixa Yuukreen Liiyuuv Rookkeettiin haleeluu ishee ibsameera.

Waraanni Raashiyaa magaalaa hojjettoonni Niwukleerii keessa jiraatan Islaavaatiich to’achuu isaanii Ministirri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa Sargee Shooyiguu ibsaniiru.

Preezdaantiin Yuukreen Vooloodiimiir Zalaniskiin gama isaaniin, weerara Raashiyaa qolachuuf biyyoonni Lixaa meeshaalee waraanaa qofa osoo hin taane kan walitti hidhu waliin akka erganiif gaafataniiru.

Yeroo ammaa waraanni Yuukreen naannawaa magaalaa guddittii biyyattii Kiiyeb qubachuun tarkaanfii deebisanii haleeluu humna waraanaa Raashiyaarratti fudhachaa jiraachuu ibsameera.

Walitti bu’iinsi guyyoota 32 lakkoofsise kun hanga ammaatti lammiileen Yuukreen miiliyoonni 3.7 akka godaananiif sababa ta’eera.

Lammiileen miiliyoonni 6.5 ammoo iddoolee nageenya fooyya’aa qabutti baqachuu isaanii himameera.

Baqattoota kanneen keessaa % 90 dubartootaa fi daa’immaan ta’uu RT gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment