Aanga’oonni mootummaa ummataatti gadi bu’aanii hojjechuu qabu – Dooktar Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2013 (FBC) – Aanga’oonni mootummaa ummataatti gadi bu’aanii ummata waliin hojjechuu akka qaban Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsa mana mareef laataniin himaniiru.
Caasaa mootummaa baay’isuun qisaasa’ina baajataa dabaluun ala bu’aa barbaaddamu fiduu hin danda’u jedhan.
Aanga’oonni mootummaa ummataatti gadi bu’aanii hojjechuun dirqama ta’uu qaba jedhan.
Keessattuu hoggansi aanaa ooyiruu qonnaan bulaa keessa oolanii buluu akka qaban hubachiisaniiru.
Misoomaa daandiin walqabatee hojiileen eegalamaan gaarii ta’us hojiin hordoffii fi to’annoo taasiifamuu daraan xiqqaa ta’uu kaasaniiru.
Keessattuu sababa beenyaan maallaqni manca’u sirnaan ilaallamuu qaba, qonnaan bulaaf beenyaan madaallawaa ta’e kaffalamuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Hojiin hattootta qulqulleessuu xiyyeeffannoo olaanaan hojjetama jedhan.
Hanni gufuu Badhaadhinaa ta’uu qaamni kamiiyyuu hubachuu qaba jedhaniiru.
Guddina biyyaa mirkanneessuuf hirmaannaa nurraa eegamuu taasiisuun madda hattootaa gogsuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment