Finfinnee, Qaammee 1, 2013 (FBC) – Raayyaan Ittisaa, Humni Addaa fi milishaan Naannoo Afaar tarkaanfii qindoomina qabu fudhataniin Aanaa Uwwaa guutummaan guutuutti garee shororkeessaa ABUT irraa bilisoomsuu ibsameera.
Gareen dhororkeessaa kun ummata mandheenfachuun badii adda addaa raawwachaa turuu himameera.
Garicha addaawwan weerara gaggeesse hundatti kisaaraa cimaan isa quunnamaa jiraachuu eerameera.
Dhalattoonni Naannoo Tigraay naannoo Afaar keessa jiraatan akkuma lammiilee kamiittuu mirgi isaanii kabajamee nagaan jiraachaa akka jiran mootummaan naannichaa himeera.
Gocha garee shororkeessaa ABUT ummanni Tigraayis hundaa ol miidhamaa ta’uu hubachuun dura dhaabbachuu akka qaban waamichi dhiyaateera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.