Finfinnee,Gurraandhala 20, 2014 (FBC) – Aanaalee Haragee Bahaa fi Dirree Dawaatti hanqinni dhiyeessii Bishaan dhugaatii qulqulluu olaanaan muudachuu Abbaan Taayita Bishaanii fi Dhangala’aa Naannoo Hararii beeskiise.
Hawaasa aanaalee Harargee Bahaa guyyaan Bishaan Meetir Kiiyuubii kuma 23 ol kan isaan barbaachisu yoo ta’u, yeroo ammaa dhiyaachaa kan jiru Meetir Kiiyuubii kumni 5 qofti dhiyaachaa jiraachuu Abbaa Taayita Bishaanii fi Dhangala’aa naannichaatti itti gaafatamaan kutaa Mahaandisii Ahimad Mahaammad Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Akkasumas Dirree Dawaattis guyyaan Bishaan Meetir Kiiyuubii kuma 70 ol kan barbaachisu yoo ta’u, Meetir Kiiyuubiin kumni 33 qofti dhiyaachaa jiraachuu Hojii Gaggeessaan Abbaan Taayita Bishaanii fi Dhangala’aa magaalaa Dirree Dawaa Mahaammad Muusaan ibsaniiru.
Rakkoo Bishaan dhugaatii Dirree Dawaa fi Hararii furuuf deeggarsi mootummaa Federaalaa kan barbaachisu ta’uu ibsameera.
Hanqina dhiyeessii Bishaan Dhugaatii Harargee Bahaa furuuf Proojektoota Bishaan Dhugaatii hojjetamaan jiran kan daawwatan Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittifaan, ammaa eegalee furmaanni waaraa kan barbaachisu ta’uu dubbataniiru.
Bishaan lafa jalaa kunuunsuun furmaata filannoo hin qabne ta’uu kaasaniiru.
Yeroo gabaabaa keessatti Boollawwan dabalataa qotuun gara hojiitti galchuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Manni Hojichaa itti dhiyeenyaan hordoffii fi to’annoo kan taasiisu ta’uus eeraniiru.
Fatiyaa Abdallaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.