Aanaalee Godina Wallagga Lixaa garaagaraa keessatti hojiin Misooma Sululaa eegale

Finfinnee, Muddee 25, 2014 (FBC) – Aanaalee Godina Wallagga Lixaa garaagaraa keessatti hojiin Misooma Sululaa bara kanaa eegaleera.
Godina Wallagga Lixaatti hojiin Misooma Sululaa bara kanaa Aanaa Boojjii Coqorsaa fi Aanaa Hoomaa keessatti guyyaa har’aa qaamolee kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachise eegaleera.
Erga hojiin misooma sululaa eegalee biyyeen gabbatee oomisha gaarii argamsiisuun, lageen hedduun mirgisanii tajaajila hawaasaaf kennaa jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Wallagga Lixaarraa argame.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment