Finfinnee, Adooleessa 5, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Kaabaa aanaalee lama keessatti proojeektoonni jallisii baasii Birrii miiliyoona 42n hojjetaman ebbifamaniiru.
Aanaa Alaltuutti proojektiin laga Raaree fi aanaa Qimbiibiititti immoo proojektiin laga Danbaltu ebbifamaniiru.
Proojektoonni kunneen waliigala baasii birrri miiliyoona 42n kan hojjataman yoo ta’uu, lafa heektaara 200 misoomsu danda’u jedhame.
Akka OBN gabaaseetti Proojektoonni kunneen abbootii warraa 164 fayyadamoo taasiisuu jedhame.
Sirna eebbaa kanarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa, Naannoo, Godina, Aanaa fi hawaasni bal’aan argamuu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.