Aanaalee Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee 6 keessatti hojiin misooma Sululaa hojjetamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Aanaalee Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee 6 keessatti hojiin misooma Sululaa hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiise.
Jiraattoonni godina addaa naannawaa Finfinnee aanaa Aqaaqii lafa hektara kuma 9 fi 800 irratti hojii misooma sululan hojjechaa jiru jedhamera.
Hojiin misooma Sululaa kun sululoota 28 irratti jiraattoota aanichaa kumaa 22 fi 400 hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaa waajjiraa qonnaa aanaa Aqaaqii obbo Alamaayyoo Caalaa himaniiru.
Hojii misooma Sululaa waggoottan darban aanichatti hojjetameen dhiqama biyyee ittisuun gabbina biyyee idda’uu irratti jijjiramni jiraachuu qonnaan bultonni aanicha himaniiru.
Aanaalee godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee 6 keessatti hojiin Kunuunsa qabeenya Uumama Sululawwan 139 irratti hojjetama jiraachuu itti gaafatamaan waajjiraa qonaa godina adda Oromiyaa naannawaa Finfinnee obbo Caalaa Adaree himaniiru.
Godiniachatti lafa hektaara kuma 18 olirratti hojiin misooma Sululaa hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Hojii kanarratti qonnaan bultoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 50 ol hirmaachaa jiraachuu obbo Caalaan eeraniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment