Aanaalee Gaasaraa fi Agaarfaatti meeshaaleen daldala seeraan alaa Birrii miliyoona 3.7 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2014 (FBC) – Godina Baalee Aanaalee Gaasaraa fi Agaarfaatti meeshaaleen daldala seeraan alaa Birrii miliyoona 3.7 olitti tilmaamamuu fi boba’aan dhaabbata Chaayinaa daandii hojjatu jalaa hatame too’atame.

Godina Baalee Aana Gaasaraatti meeshaaleen kontiroobaandii seeraan Birrii miliyoona 3.7 oliti tilmaamamu to’atameera.

Huccuun boondaa maraa, Goommaa Konkoolataa , Huccu Halkanii biyya alaa , Moobaayilli Nookiyaa xixxiqaa fi kanneen biroo akka ta’eedha ragaan Waajjira Poolisii aanichaa arganne ni muul’isa.

Konkoolataan kunis Magaalaa Gindhir irraa gara Magaalaa Roobee osoo imalaa jiru eeruu hawaasa irraa argameen to’atamuus himameera.

Aanaa Agaarfaattis naafxaan Jaarikaanni 24 Abbaa Liitira 30 Saayitii Chaayinaa daandii aspaalttii hojjataa jirtu keessaa hatame fe’amee osoo imalaa jiruu eeruu ummata irraa argameen qaamoleen nageenyaa Aanaa Agaarfaan to’annoo seeraa jala ooluu ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanaalee kanneenirraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment