Aanaalee 48f deeggarsi yeroo hatattamaa ergamuu eegale- Biiroo Hoggansa Sodaa Balaa naannoo Somaalee

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Aanaalee 48f deeggarsi yeroo hatattamaa ergamuu eegaluu Biiroon Hoggansa Sodaa Balaa naannoo Somaalee beeksiise.

Lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 98f deeggarsi yeroo hatattamaa marsaa 2ffaan dhiyaachuu ibsameera.

Aanaalee 48 Godinaalee naannichaa 10 keessatti argamaniif deeggarsa marsaa 2ffaa Ruuzii, Zayita, Sukkaaraa,Teemirii fi kanneen biroo ergamuu Biirichi ibseera.

Akkasumas giddugaloota 3tti midhaan nyaataa kuufamaa jiraachuu ibseera.

Kuusaa Magaalaa Jigjigaatti argamuu deeggarsi midhaan nyaataa kan raabsamu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannichaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment