Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) –Aanaalee 300 keessatti kuduraa fi muduraalee dabalatee misoomni midhaanii gurguddoon 10 kilaasteran hojjetamaa jiraachuu Ejansiin Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa ibseera.
Ejensichi haala misooma midhaanii kilaasteraa sadarkaa yaaliin eegalamanii ilaalchisee waltajjii marii magaalaa Adaamaatti gaggeesseera.
Barbaadamummaa Oomishni qonnaa gabaa alaarratti qabu guddisuuf misoomni qonnaa gabaarratti xiyyeeffachuu akka qabu Ejansichaatti Daayrektarri Koomeershaalaayizeeshinii Qonnaa Dooktar Daanyaachow Luleen dubbataniiru.
Hojiin misooma kilaasteraa oomishaa fi qulqullina oomishaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Qamadii, Xaafii, Garbuun Biiraa, Boqqoolloo, akkasuma kuduraalee fi muduraaleen kilaasteeran misoomaa jiraachuu kaasaniiru.
Qonnaan bultoonni miiliyoonni 1.9 kilaastera keessatti hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru.
Rakkoo gabaa jiru furuuf yeroo ammaa giddu galli Gabaa fi kuusaa oomishaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraatti ijaarraman tajaajila kennaa akka jiran Ejansichatti Daayrektarri Agroo Biiznasii Obbo Heenok Masfin eeraniiru.
Maddi: TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.