Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Godina Arsii aanaa Aanaa Zuwaay Dugdaatti kirkirrii lafaa fi mallattoon dhoo’insa voolkaanoo muudateeera.
Itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa aanicha obbo Adam Hajjii, abbootii warraa 365, maatii isaanii 2065 waliin ganda Biitee fi Batroo jiraatan hatattamaan gara naannawa biraatti godaansisaa akka jiran himaniiru.
Hawaasni naanniichaas mallattoo dur hin beekkamnee fi hin dhaga’amintu uumamaa jira jedhanii jiru.
Waxabajjii 17, 20 13 gaafa Kamisa dabreerraa kaasee guyyaatti yeroo 3-5tti deddeebi’aa kan dhaga’amu sagaleen akka hurrumsa roobaa ykn kakawwee roobaatti lafa jalaa fi hollannaan lafaa muul’achuu himaniiru.
Bakki mallattoon kun itti mulachaa jiru naannawa daangaa proojektiin dhaabbata ji’ootermaalii Tullu-Mooyyee humna elektiriikaa MW 550 maddisiisuu danda’u itti ijaarramaa jiruun kan wal daangessu waan ta’eef shakkii humni lafaa kun wal qabatinnaa jedhus ni tilmaamama.
Mallattoon kun guyyoota 6’f irra deddeebiin mul’achaa jiruun sodaarra kan ka’e hawaasni naannawaa bakka ganda Biitee Batroo jedhamurraa garaa iddoo biraatti da’achaa jiraachuu ibsaniiru.
Jamaal Gendootu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.