Aanaa Walisootti balaa tiraafikaan lubbuun nama 1 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2016 (FBC)- Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Walisootti balaa tiraafika mudateen lubbuun nama tokkoo darbe.

Namoota 7 irra miidhaa cimaa fi 10 irraa immoo miidhaa salphaan qaqqabuun ibsameera.

Balichi har’a sa’aatii 8:00’tti konkolataan fe’umsaa Finfinneerraa gara Magaalaa Walisootti Xaa’oo fe’ee imalaa ture konkolaataa deddeebisaa ummataa Magaalaa Walisoorraa gara Finfinneetti imalaa tureen walitti bu’uun balichi uumamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Poolisii Aanaa Walisoo Inispeektar Birhaanuun Rafeeraan Faanaa Biroodkastingi Korpooreetiif himaniiru.

Balichi Aanaa Walisoo bakka Addaa “Qundurus” jedhamutti kan mudate yoo ta’u, ka’uumsi balichaa rakkoo teeknikaa konkolataa fe’umsaan kan mudate ta’uun eerameera.

Namoota miidhaniif Hospitaala Walisootti wal’aansii taasifamaa Jiraachuu Inispeektar Birhaanuu Rafeeraan dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment