Aanaa Waanbaaraatti giddugalli leenjii atileetiksii ijaaramufi

Finfinnee, Muddee 19, 2013 (FBC) – Aanaa Waanbaaraatti giddugalli leenjii atileetiksii ijaaramufi.
Naannoo Beenishaanguul Gumuuz Godina Matakkal Aanaa Waanbaaraatti giddugalli leenjii atileetiksii ijaaramuuf akka jiru komishiniin ispoortii naannichaa beeksise.
Aanaan Waanbaaraa naannoo dhaloota Atileet Almaaz Ayyaanaa akka ta’e ibseera.
Komishinichatti ogeessi qunnamtii ummataa obbo Mahaammad Alii akka ibsanitti giddugalichi istaadiyyoomii dabalatee giddugala leenjii, bakkeewwan bashannanaa fi kanneen biro akka qabu ibsaniiru.
Baasiin ijaarsichaa mootummaa fi ummataan uwwifama jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment