Aanaa Tokkee Kuttaayeetti bunni seeraan alaa kuntaalli 96 to’annaa jala oole

Finfinnee, Sadaasa 26, 2013 (FBC)-Godina Shawaa Dhihaa aanaa Tokkee Kuttaayeetti konkolaataan buna seeraan ala fe’uun socho’aa ture to’atamu poolisiin beeksise.

Gargaraan ajaja poolisii aanichaa komaandaar Yiggazuu Gabra Mikaa’eel, konkolaachisaan  eeyyama daldalaas ta’ee ragaa biroo osoo hin qabaatin bunichaa Jimmaarraa fe’ee gara Finfinneetti imalaa osoo jiru to’atamu himaniiru.

Bunichi eeruu uumataan to’anna jala oole jedhaniiru.

Konkolaachisichi sochii poolisoota akkuma argeen miliquuf yaalii taasisuus to’annaa jala ooluun dhimicha qoratamaa jiraachuu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment