Aanaa Taltalleetti Hoomaan Awwaannisa lafa hektaara dhibba 4 irratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2014 (FBC)-  Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti Hoomaan Awwaannisa mul’achuun lafa hektaara dhibba 4 irratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuun himameera.

Hoomaan Awwaannisaa Godina Booranaa Aanaa Taltallee Gandoota Aanichaa 5 keessatti mul’achuun lafa hektaara dhibba 4 irratti miidhaa qaqqabsiisuun oomisha dhufuuf sodaa ta’uu isaa himame.

Hoomaan Awwaannisaa kun Aanaa Taltallee gandoota aanichaa Makkanniisa, Gandhiile, El-Kunee, Wandoo Digree irratti mul’achuun baala mukaa fi yeroo midhaan qonna gannaa facaafaman biqilanitti sodaa ta’uusaa Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Aanaa Taltalleetti Abbaan Adeemsa to’annoo fi hordoffii obbo Ingidaa Yohaannis himan.

Miidhaa awwaanisaan qaqqabu hir’isuuf hojii hojjetamaa jiruun lafa hektaara 400 awwaannisaan qabame keessaa hanga ammaa lafa hektaara 30 irratti qorichi kan biifame ta’uu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi qabeenya Uumamaa Aanaa Taltallee obbo Biraanee Amaaree ibsaniiru.

Miidhaa awwaannisaan dhufu hir’isuuf tarkaanfii barbaachisu yeroo fi saffisa barbaadameen fudhachuuf xiyyaarri hojjechaa ture yeroo ammaa kan hin jirre ta’uu ibsuun, yeroo ammaa konkolaataan hojjetamaa jiraachuu obbo Biraaneen himan.

Konkolaataan hojii kana irratti bobba’e iddoowwan tabbaa, bowwaa seenee hojjechuuf kan rakkatuu fi sababa kanaan tarkaanfiin hanga barbaadame fudhatamaa kan hin jirre ta’uu obbo Biraanee himuun midhaan facaafame yeroo isaan biqilanitti miidhaan akka irra hin qaqqabneef deeggarsi xiyyaaraa akka barbaachisu himuu isaanii ragaan waajjira komunikeshinii godinichaa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

.

Comments (0)
Add Comment