Aanaa Tahuuladareetti shugguxii fulkoon seeraan alaa daddarbaa ture 129 to’atame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2014 (FBC) – Godina Walloo Kibbaa Aanaa Tahuuladareetti shugguxiin fulkoon seeraan alaa daddarbaa ture 129 to’atameera.

Shugguxiin seeraan alaa kun Magaalaa Goondar irraa gara Magaalaa Kamiseetti qaama kuusaa boba’aa konkolaata keessa dhokfamee kan geejibsiifama ture, qindoomina qaamolee nageenyaa godinichaa fi aanaatiin to’annoo jala ooluun ibsameera.

Shakkamaanis to’annoo jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Kominikeeshinii Walloo Kibbaarraa argamee ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment