Aanaa Shanan Dhuuggootti qonnaan bultoonni kumni 15 mala ammayyaan sangoolii gabbisaa jiru jedhame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuugootti qonnaan bultoonni kumni 15 mala ammayyaan sangoolii gabbisaa jiraachuu ibsameera.

Aanichatti bara dabre qonnaan bultoonni kumni 9 ol sangoolii kuma 30 ol gabbisuun gabaaf dhiyeessuu isaanii ragaan Waajjira Qonnaa aanichaarraa argame ni mul’isa.

Bara kana ammoo qonnaan bultoonni kuma 15 ol  ta’an sangoota  kuma 40 ol gabbisuuf karoorfamee hanga ammaattis sangoonni kumni 20 mala ammayyaa gabbifamaa jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

Sangaan tokko Birrii kuma 200 hanga kuma 250 olitti gurguramaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Shanan Dhuugoo Obbo Muussaa Abraahim himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment