Aanaa Saqqaa Coqorsaatti pirojaktiin bishaanii dhugaatii Birrii miiliyoona 93n ijaarame eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)- Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaatti pirojaktiin bishaanii dhugaatii Birrii miiliyoona 93’n ijaarame eebbifameera.

Pirojaktichi waggaa 2’n dura ijaarsisaa kan eegale yoo ta’u, ummata kuma 40 ol fayyadamtootaa akka taasisuu eerameera.

Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, godinichatti pirojektoonni 134 Birrii biiliyoona 2.5 ijaaramaa jiraachuu himaniiru.

Pirojaktoonni kunneen rakkoo hawaas dinagdee ummata godinichaa kan hiikuu ta’uu Obbo Tijjaaniin himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment