Aanaa Samuuroobii Gali’aaliitti balaa ibiddaa qaqqabeen manneen jireenyaa fi suuqonni 160 barbada’aan

Finfinnee, Eebila 4, 2014 (FBC)-Naannoo Affaar Aanaa Samuuroobii Gali’aaliitti balaa ibiddaa qaqqabeen manneen jireenyaa fi suuqonni 160 barbada’uu bulchiinsi aanichaa beeksiseera.

Bulchaan aanichaa obbo Hasaan Haandii akka ibsanitti, balaan ibiddichaa kaleessa sa’aatii 10 irratti tasa mana gurgurtaa beenzilaarraa ka’uu eeraniiru.

Balaa ibiddaa qaqqabeenis manneen jireenyaa 80 fi suuqonni 80 ta’an barbadaa’u himaniiru.

Lubbuu namaarra balaan qaqqabe kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.

Naannicha qilleensi hamaa fi hanqinni bishaanii jiraachuun ibiddichi ariitiin babaldhachuuf sababa ta’uu himaniiru.

Yeroo itti aanuutti miidhaa balaa ibiddaan qaqqabeef lammiileef deeggarsi taasifamuu akka qabu waamicha dhiyeessuu miidiyaan naannoo Affaar gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment