Aanaa Qumbiitti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 6 darbe

Finfinnee, Bitootessa 25, 2014 (FBC) –Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbiitti balaa Tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 6 darbuu Poolisiin Godinichaa beeksiise.

Konkolaataan Fe’umsaa Isuzu jedhamu meeshaalee shaqaxaa fi namoota 20 fe’ee aanaa Gola Odaa gara aanaa Qumbii imalaa ture garagaruun lubbuu namoota 6 yoo galaafatu, namoota 12 miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu Komishinii Poolisii godinichaatti itti gaafatamaan Diiviizhiin Kominikeeshinii fi Miidiyaa Inispeektar Tolasaa Goshuun Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Fe’umsi humnaa olii fi ariitiin seeraan alaa balaa uumameef sababa ta’uu eeraniiru.

Konkolaachisaan yeroof miliquu fi miseensota poolisiin hordoffiin taasiifamaa jiraachuu himaniiru.

Tashoomaa Hayiluutu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment