Aanaa Mi’eessooti miseensota Shanee 18 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Muddee 17, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi’eessooti miseensota shanee 18 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Waajjirri Bulchiinsaa fi Nageenya Godinichaa beeksiise.

Oppireeshinii guyyaa kaleessaa caasaaleen nageenyaa milishaa,humna addaa,poolisii feederaalaa,poolisii Godinaa aanaa,humna riphee lolaa,milishaa fi raayyaa ittisa biyyaa waloon gaggeessaniin miseensota shaneerratti tarkaanfiin fudhatamuu Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Harargee Lixaa obbo Taamiruu Iddeechaa ibsaniiru.

Miseensonni 18 ajjeeffamuu fi 4 booji’amuu akkasumas ,Meeshaaleen waraanaa Kilaashii 11,MBH 1,Hidhannoo mudhii guutuu 7,Kaartaa14 booji’amuusragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii godichaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment