Aanaa Maqdallaatti waldhabdee namoota dhuunfaa gidduutti muudate lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Eebila 14, 2012 (FBC) – Godina Kibba Walloo aanaa Maqdaallatti waldhabdee namoota dhuunfaa gidduutti muudateen lubbuun namoota 7 darbuu bulchiinsi aanichaa beeksiseera.

Bulchaan aanaa Maqdallaa obbo Tafarraa Moollaa, waldhabdichi guyyaa kaleessa aanichatti ganda Koree 022 jedhame waamamutti muudachu himaniiru.

Ka’umsi wal dhabdichaas qoratamaa jiraatus walitti bu’iinsa namoota lamaan miseensa maatii tokkoo keessaa obboleessaa isaaniitti qaamni biraan rasaasa dhukaasuun lubbuun isaa darbuu himaniiru.

Qamoolee nageenyaa maatii obboleessii isaanii jala du’ee tasgabeessuuf iddicha deeman waliin waliitti dukaasaa banameen poolisoota 4 dabalatee lubbuun namoota 7 darbuu obbo Tafarraan ibsaniiru.

Maddi:-TOI

Comments (0)
Add Comment