Finfinnee, Eebila 8, 2013 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa Aanaa Liiban Jaawwitti balaa Tiraafikaa dhaqqabeen lubbuun nama 1 yoo darbu nama 1 irra ammoo miidhaan qaamaa cimaan ga’uu ibsameera.
Qindeessaan tiraafikaa Aanaa Liiban Jaawwii Saajin Gizaachoo Daamaa akka ibsanitti ,Aanaa Liiban Jaawwii ganda Kombolchaa Sadaniitti balaa konkolaataa mudateen lubbuun konkolaachisaa miniibaasii darbeera.
Akka ragaan Waajjira Dhimmoota Kominiikeeshinii mootummaa aanichaarraa argame agarsiisuutti Konkolaataa minibaasii magaalaa Amboorraa gara magaalaa Baabbichaatti imalaa ture doozaran walitti bu’uun balichi qaqqabuu ibsameera.
Guyyaa afur dura ganduma kanaatti balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 7 darbuu fi namoota 2 irra miidhaan qaamaa cimaan ga’uu isaa gabaasuun keenya ni yaadatam.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.