Aanaa Kofaleetti Piroojektoonni misoomaa 53 Birrii miiliyoona 153’n hojjetaman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofaleetti piroojektoonni misoomaa garagaraa 53 Birrii miiliyoona 153’n ijaaraman eebbifamaniiru.

Piroojektoonni tajaajilaaf banaa ta’an kunneen riqicha aanaalee 3 wal qunnamsiisu, giddugala Kompoostii Raammoo, Gamoo Waajjiraalee, Mana qusannaa harka qaleeyyii, Sheediiwwanii fi kanneen biroo ta’uun ibsameera.

Godinichatti Piroojektoonni 556 Birrii biiliyoona 6.5 hojjetamaa turan tajaajilaaf banamaa jiraachuu Bulchaan Godina Arsii Lixaa Obbo Ahimad Hajjiin himaniiru.

Mootummaan gaaffii hawaasaa deebisuuf piroojektoota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessanirratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Aanaa Kofaleetti bara kana piroojektoonni 53 Birrii miiliyoona 153 hojjatamaa turan xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’uu Bulchaan Aanichaa Obbo Raahmatoo Bancaan dubbataniiru.

Lammaa Tasfaayeetu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment