Aanaa Jimmaa Arjootti miseensonni Shanee 21 karaa nagaan harka laatan

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti miseensonni Shanee 21 karaa nagaan harka laachuun himameera.
Aanaalee Jimmaa Arjoo fi Nuunnuu Qumbaa keessaa naanna’uudhaan gochaa ajjeechaa fi saamichaa raawwachaa turaniiru, kan jedhaman miseensonni Shanee 21 kunniin meeshaalee waranaa qabatan waliin Abbootii Gadaatti harkasaanii kennataniiru.
Waamicha Abbootii Gadaa kabajanii kanneen deebitaniif Kabaja qabna, kan jedhan Abbootiin Gadaa Aanichaa fi Bulchaan Aanaa Jimmaa Arjoo obbo Gaashaahuun Taakkalaa kanneen hafanis qalbii jijjiirratanii akka deebi’aniif hojjechuu qabdu jedhan.
Sadarkaa Itti Aanaa Komishinaraatti gargaaraa komishinaraa Komishinii Poolisii Oromiyaa Geetaachoo Ittaanaa, miseensoonni kunniin gocha garichaatti gaabbanii akkuma deebi’an, kanneen daandii dogoggoraa keessatti argamanis karaa nagaatiin hawaasa isaanitti deebiuu akka qaban hubachiisaniiru.
Miseensonni garichaa harka kennatan tokko tokkos, gocha raawwachaa turanitti kan gaabbanii fi jijjiirama akka biyyaattii dhufaa jiru Itti fufsiisuuf gaheesaanii bahuuf qophii ta’uu dubbachuu isaanii OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment