Aanaa Jibaatitti miseensonni waraana Shanee waamicha abbootii Gadaa fudhachuun harka laatan

Finfinnee,Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaatitti miseensonni waraana Shanee waamicha abbootii Gadaa dhaga’uun karaa nagaan harka laataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa qaamolee hidhatanii naannicha keessa socho’aniif yeroodhaa yerootti waamicha taasisaa turuun ni yaadatama.
Odeeffannoo sobaa fi burjaajii qaamoleen farra jijjiramaa uumaniin rakkoon nageenya bakkkota muraasatti uumamaa turee jira.
Rakkoo nageenya kana furuufis Abbootiin Gadaa, Abbootin Amantaafi Maanduggootni biyyaa waamicha mootummaan taasisu hordofuun hojii bal’aa hojjetaa jiru.
Haaluma kanaan Godina Shawaa lixaa aanaa Jibaatitti miseensootni waraana Shanee afur hidhannoo isaanii waliin karaa nagaan qabsaa’uuf abbootii Gadaatti harka kennachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment