Aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii keessatti rasaasni kumni 1 fi 103 Shaneef geejjibsiifamaa ture to’atame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) –Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa ganda Gaarii keessatti rasaasni Bireenii 518 fi rasaasni Kilaashii 585 waliigala rasaasa kuma 1 fi 103 to’annaa jala oolu ibsameera.

Meeshaalee kunneen eeruu hawaasni qaamolee nageenyan to’atamee jiraachuu Waajjirri Poolisii Aanichaa himeera.

Rasaasonni kunneen halkan keessaa sa’atii 3:00tti Magaalaa Naqamtee irraa garee shororkeessaa shaneef gara Gaara Walaneetti Geejjibsiifamaa osoo jiru to’annaa jala ooluu Hoogganaan Poolisii Aanaa Guutoo Giddaa Saajin Olaanaa Katamaa Oljirraa himaniiru.

Itti gaafatamaan Bulchiinsaaf Nageenyaa Aanichaa Obbo Biraanuu Yemaanus, hawaasa eeruu kennuun meeshaan waraanaa kun akka to’atamu taasisan galateeffachuuniiru.

Galaanaa Tasfaatu Gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment