Aanaa Gumbii Bordoddeetti Mana Murtii Aadaa Hundaa’eef Beekkamtiin Laatame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Horsiisee Bulaa Gumbii Bordoddeetti manneen murtii aadaa sadarka araddoota aanicha keessaatti hunda’eef beekkamtiin kenname.
Hundeeffamni Mana Murtii Aadaa waldhabbii hawaasa keessatti mudatu karaa aadaatiin furuu keessatti moo’ataa fi moo’atamaan osoo hin jiraanne hawaasni garaa qulqulluun akka walitti araaramu taasisa jedhan Abbootiin Gadaa fi Maanguddoonni sirnicharratti argaman.
Preezdaantiin mana murtii Aanaa Gumbii Bordoddee obbo Firaa’ol fayyisaa gama isaaniin manni murtii aadaa hundeeffamuun hawaasni waldhabbii mudate osoo gara mana murtii idileetti hin dhufin idduma jiranitti mana murtii aadaan furmaata itti kenna deema waan ta’eef mana hojii keenyaafis waan gaariidha jedhan.
Itti aanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Harargee Lixaa obbo Tashoomaa Kabbadaa sirna kanarratti argamuun, dhimma ofii jaarsummaan hiikkachuun qaroomina ta’uu himanii,rakkoowwaan gama mana murtii idileetiin jiru bakkuma jirtanitti dadhaabbii tokkoo malee hiikatu waan ta’eef manni murtii aadaa hundaa’uun murteessa ta’uu dubbataniiru.
Walitti dhufeenyi hawaasa jidduu jiruu akka cimuu taasisaa jedhan,galma gahiinsa hojii kanaafis deeggarsa barbaachisu hunda kan taasisan ta’uus dubbachuu ragaan Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment