Aanaa Gumbii Bordoddeetti balaa tiraafikaa mudateen  lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa aanaa Gumbii Bordoddeetti balaa tiraafikaa mudateen  lubbuun namoota 4 darbuu ibsame.

Konkolaataan Aayisuuzuu jedhamuMagaalaa Hirnaarra gara Adaamaatti ariitii olaanaan osoo fiiguu Aanaa Gumbii Bordoddee iddoo Funyaan Ajoo jedhamutti konkolaataa wal harkisu (Boottee) bakka inni dhaabbatee jirutti itti bu’ee battalumatti namoonni Aayisuuzucha keessa jiran 4 lubbuun darbuu, Qindeessaan Tiraafikaa Aanaa Gumbii Bordoddee Saajin Olaanaan Umar Usmaan ibsuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment