Aanaa Goorootti balaa tiraafikaa mudateen lubbun namoota 3 darbe

Finfinnee, Hagayya 15, 2015 (FBC)- Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Goorootti balaa tiraafikaa mudateen lubbuu namoota sadii darbuun ibsame.

Balichi konkolaataa fe’uumsaa Magaalaa Walqixxeerraa gara Finfinneetti imalaa ture, Minibaasii Finfinneerraa gara Walqixxee imalaa jirun walitti bu’uun lubbuun namoota sadii yoo darbu namoota 2 irra miidhaa cimaan qaqqabuu Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Kibba Lixaatti Itti Gaafatamaan Nageenya Tiraafikaa Gargaara Inispeektaraa Tasfaayee Taaddasaa ibsaniiru.

Sababni balichas ariitiin konkolaachisuurraa akka ta’e eerameera.
Balaa kananis qabeenyi birrii miiliyoona 2’tti tilmaamamu manca’uuuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment