Aanaa Gola Odaatti lafti qonnaa hektaarri dhibbi 9 sanyii qamadii jallisiin uwwifame

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Godina Harargee Bahaa aanaa Gola Odaatti lafti qonnaa hektaarri dhibbi 9 sanyii qamadii jallisiin uwwifamuu ibsame.

Godinichatti qonna jallisee boneen lafa heektaara kuma 3 qamadii boneen misoomsuuf karoorfatamee lafa heektaara dhibba 9 sanyiin uwwifamuu ibsameera.

Lafa hektaara 230 sanyiin uwwisuuf haaldureen xumuramuu ibsameera.

Oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojiin sanyii filatamaa fi xaa’oo dhiyeessuu hojjetamaa jiraachuu hogganaan waajjira qonnaa aanichaa obbo Hasan Mahaammad ibsaniiru.

Aanichatti lafti heektaarri kuma 9 ol qamadii jallisiin misoomsuuf kan oolu yoo ta’u hanga ammaatti harki walakkaan qofti hojiirra ooluu ibsameera.

Minyaahil Mallasatu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment