Finfinnee, Waxabajjii 28, 2013 (FBC) –Godina Shawaa Kaabaa aanaa Giraar Jaarsottii proojektoonni misoomaa garaagaraa baasii Birrii miiliyoona 18’n hojjetamanii xumuraman eebbifaman.
Daandiin cirrachaa kiiloomeetirri 11 Gandoota baadiyyaa aanichaa 4 magaalaa Fiicheen waliin walqunnamsiisu fi Waajjirri Haqaa aanichaa eebbifamaniiru.
Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojiin proojektoota xummursiisuu cimee kan itti fufu ta’uu Bulchaan aanaa Giraar Jaarsoo obbo Asfaawu Naggasaa himaniiru.
Aanichattii proojektonni 17 baasii birrii miliyona 23 caaluun hojjatamaa jiranis xumuramaniru jedhan.
Akka OBN gabaaseetti eebbi Proojektootaa marsaa 2ffaan Godina Shaawaa Kaabaa aanaa Giraar Jaarsootti eegalame tibba kana kan itti fufu ta’uu bulchaan Godina Shawaa kaabaa obbo Indeshaawu Birhaanu himaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.