Aanaa Geeraatti giddugalli xaa’oo uumamaa Woorm kompostiirraa qopheessu ijaarame eebbifame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti giddugalli Woorm kompostiirraa xaa’oo uumamaa qopheessu Birrii miiliyoona 2.6 oliin ijaarame eebbifameera.

Giddugalicha jilli Itti Aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadiiriin durfamu eebbisiseera.

Giddugalli kun Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 6 fi kuma 85’n kan ijaarrame ta’uus ibsameera.

Giddugalichi baatii tokkotti marsaa lamaan Xaa’oo Uumamaa kan oomishu yoo ta’u, marsaa tokkoon xaa’oo kuntaala 311 oomishuun lafa heektaara 15 kan misoomsu ta’uu ragaan Kominikeeshinii aanaa Geeraarra argame ni mul’isa.

Giddugalli qoranno Xaa’oo uumamaa kun akka naannoo Oromiyaatti kan jalqabaati jedhameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment