Aanaa Gadab Hasaasaatti Qamadiin Jallisiin misoome sadarkaa gaariirra jira jedhame

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti Qamadiin Jallisiin lafa hektaara kuma 6 fi 829 irratti misoome haala gaariirra jiraachuu Waajjirri Qonnaa Aanichaa beeksiseera.

Aanichatti Qamadii jallisiin misoome kanarraa Callaa kuntaala kuma dhibba 2 fi kuma 56 argachuuf hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Abdoo Aliyyiin ibsaniiru.

Wabii midhaan nyaataa fi badhaadhina maatii mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu Bulchaan aanichaa Obbo Awwal Waliyyiin himaniiru.

Lafa hektaara tokkorraa callaa kuntaala 30 -40 argachuuf hojjechaa jiraachuu Qonnaan bultoonni aanichaa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Geetaachaw Mul’taatu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment