Aanaa Dugdaatti hoomaan simbira Girrisaa Oomisharratti miidhaa qaqqabsiisaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC) – Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaatti hoomaan simbirroo Girrisaa Oomisharratti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsameera.

Qonnaan bultoonni mala Aadaan ofiirraa ittisuuf yaalii guddaa taasisaa jiraatanis hoomaan Girrisaa kun humna ol ta’uu fbctti himanii jiru.

Miidhaa simbirri Girrisaan qaqqabsiisaa jiru kana ittisuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Aanaa Dugdaa Obbo Misbaahuu Musxafaan ibsaniiru.

Xiyyaaraan keemikaala biifuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Hoomaan Girrisaa kun Aanaa Dugdaa dabalatee Aanaalee ollaa ,Liiban Cuqqaalaa, Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa, Booraa fi Walakeessa Zuwaay Dugdaattis miidhaa cimaa Oomisharraan gahaa jiraachuu eerameera.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment