Aanaa Dugdaa Ganda Eelaa Garba Daalachaatti shakkamtoonni Xaa’oo kuntaala 2700 ol saamuuf turan to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 25, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Ganda Eelaa Garba Daalachatti shakkamtoonni Xaa’oo kuntaala kuma 2 fi 700 ol gurmuun hatuu fi saamuuf turan 25 to’atamuu Bulchiinsi aanichaa ibseera.
Hirmaannaa qaamolee nageenyaa fi hawaasni bal’aan shakkamtoonni gurmaa’uun xaa’oo saamuu fi hatuuf turan 25 to’atamuu Bulchaan Aanaa Dugdaa Obbo Shaalloo Waaqjiraa eeraniiru.
Hawaasni ijaaramee Nageenya isaa fi qabeenya isaa tikfachuu akka qabu Ajajaan Qaajeelcha Poolisii Aanaa Dugdaa Komaandar Fayyisa Adaree dhaamaniiru.
Gaariin Fardaa12, Gaariin Harree 23 fi Gaangee fe’iinsaa 3 akkasumas Doqdoqqeen 15’n shakkamtoota kanneen waliin to’atamuu Komaandar Fayyisaan himaniiru.
Abdallaa Amaantu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment