Aanaa Dubuluqitti balaa konkolaataa mudateen lubbuun daa’imman lamaa darbe

Finfinnee, Mudde 20, 2015 (FBC) – Godina Booranaa Aanaa Dubuluqitti balaa konkolaataa mudateen lubbuun daa’imman 2 darbuu Waajjirri Poolisii Aanichaa beeksise.

Balaa kanaan lubbuun daa’imman waggaa 4 fi 5 kan darbe yoo ta’u,namoota 5 irratti immoo miidhaan qaamaa qaqqabuu ibsameera.

Konkolaataan gara Dillootti saffisaa olaanaan imalaa ture, konkolaataa Yaaballoo dhufuun iddoo addaa Mana Konsoo Gololee jedhamutti walitti bu’uun miidhaa kana qaqqabsiisuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa agme ni mul’isa.

Ka’umsi balichaa hanqina of eeggannoo ta’uu himameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment