Aanaa Dodolaatti lafa hektaara kuma 75 sanyii uwwisuuf hojjatamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti Qonna Gannaa bara 2016/2017’n lafa hektaara kuma 75 sanyiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Aanichaa ibseera.

Lafa hektaara kuma 75 misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 2.2 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanichaa Obbo Abdulqaadir Sirkoon eeraniiru.

Hanga ammaattis lafti hektaarri kumni 25 caalu sanyiin uwwifamuu dubbataniiru.

Haala qilleensaa mijataa jirutti fayyadamuun sanyii midhaanii garaagaraa facaasaa jiraachuu Qonnaan bultoonni aanichaa himaniiru.

Lafa hektaara tokko irraa jiddu galeessaan callaa hanga kuntaala 35 oomishuuf qindoominaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment