Aanaa Doddotaatti tajaajila lammummaan deeggarsi Birrii miiliyoona 1.5 taasifame

Finfinnee, Hagayya 21, 2016 (FBC)- Godina Arsii Aanaa Doddotaatti hojii tajaajila lammummaan deeggarsi Birrii miiliyoona 1.2’tti tilmaamamu taasifame.

Deeggarsi taasifames, re’ee, barruulee barnootaa, daakuu, zayiita nyaataa fi kanneen biroo ta’uun ibsameera.

Dabalataan mana harmee ijaaruu, mana barumsa bu’uura boruu ijaaruu fi barnoota Gannaan barattootaaf barumsa bakka bu’iinsa kennuu fa’aan gaggeeffamuun ibsameera.

Aanichatti barana hojii tajaajila lammummaa Birrii miliyoona 40 oliin hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Aanaa Doddotaa Obbo Shamsaddiin Obsee ibsaniiru.

Deeggarsi har’a taasifamees, namoota 538 fayyadamtoota akka taasisu eerameera.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment