Aanaa Dillotti namoota kuma 29 oliif deeggarsi midhaan nyaataa ariifachiisaa dhiyaachaa jira jedhame

Finfinnee,Gurraandhala 9, 2014 (FBC) -Godina Boranaa Aanaa Dillotti namoota kuma 29 oliif deeggarsi midhaan nyaataa ariifachiisaan dhiyaachaa jiraachuu ibsameera.
Godinichatti hongee mudate hordofee Aanalee Godinichaa rakkoo hongeef saaxilaman kessaa tokko kan taate Aanaa Dillootti Uummata rakkoof saaxilaman kuma 69 fi 720 keessaa namoota kum 29 fi 400 Deegarsi midhaan nyaataa ariifachiisaan dhiyaachaa jiraachuu Bulchaan Aanichaa obbo Rashiid Ibreen Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.
Akkasumas jiraattoota deeggarsa barbaadan kuma 20 ol adda baafaman keessas kuma 15 fi 500f dabalataan deeggarsa yeroo ariifachiisaadhaqabsiisuuf hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Hongee mudateen wal qabatee qabeenyi beelladaa hedduun du’uu isaaniin hawaasichi rakkoo diinagdee fi hawwasummaa cimaaf saaxilamuu ibsaniiru.
Jiraattoota Aanichaa keessaa harkii caalus deeggarsa kan barbaadan ta’uu dubbataniiru.
Hongee mudateen Daa’imman, Haadhooliin ulfaa fi Hoosiftoonni akkasumas maanguddoonni hanqina nyaata madaalawaaf saaxilamaanii buufataalee Fayyaatti deeggaramaa jiraachuu eeraniiru.
Buufata Fayyaa Diilloo Magaalaa jedhamutti lakkoofsi namoota deeggarsa ariifachiisaa barbaadanii dabalaa dhufuu Itti gaafatamaan Buufatichaa Abrahaam Ababbaa eeruun,Hanqinni nyaata madaalawaa F-75fi F- 100 jirachuu kaasaniiru.
Miidhaan ga’u akka hin hammaanne deeggarsi taasiifamu cimee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.
Muuluu Waaqshuumeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment