Aanaa Dillootti balaa Ibiddaa mudateen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Guraandhala 4, 2016 (FBC) – Godina Booranaa Aanaa Dillootti balaa Ibiddaa mudateen lubbuun namoota 4 darbuu Waajjirri Poolisii aanichaa beeksise.

Balaan kun kaleessa galgala naannoo sa’aatii 2:30tti Ganda Qancarootti beenzila Mana nama dhuunfaa keessa turerraa ka’uun miidhaa qaqqabsiisuu eerameera.

Balaa kanaan lubbuun namoota 4 manicha keessa turanii darbuu Waajjirri Poolisii Aanichaa beeksise.

Lubbuun barsiisotaa dubraa 2 fi barattoota dhiiraa 2 darbuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment